Salmi 150
Ogni cosa che respira lodi il Signore
Haalleluuyaa. Mana qulqullummaa isaa keessatti Waaqa galateeffadhaa; samiiwwan isaa humna qabeeyyii keessattis isa galateeffadhaa. 2Hojiiwwan isaa jajjaboo sanaaf isa leellisaa; guddina isaa hamma hin qabne sanaaf isa leellisaa. 3Malakata afuufuudhaan isa galateeffadhaa; baganaa fi kiraaraan isa galateeffadhaa; 4dibbeedhaan shuubbisaatii isa jajadhaa; miʼa ribuutii fi ululleedhaan isa jajadhaa.
5Kilillee sagalee qabuun isa jajadhaa; kilillee sagalee guddaatiin isa jajadhaa. 6Wanni hafuura baafatu hundinuu Waaqayyoon haa jajatu. Haalleluuyaa.
Copiato!
Aa