Salmi 149

La lode nell'assemblea dei fedeli

Haalleluuyaa. Faarfannaa haaraa Waaqayyoof faarfadhaa; waldaa qulqullootaa keessatti illee isa jajadhaa. 2Israaʼel Uumaa isaatti haa gammadu; sabni Xiyoon Mootii isaatti haa gammadu. 3Maqaa isaas shuubbisuudhaan haa jajatu; dibbee fi baganaadhaan isaaf haa faarfatu.

4Waaqayyo saba isaatti ni gammadaatii; warra gad of qabanis fayyina gonfachiisa. 5Qulqulloonni ulfina kanatti haa gammadan; siree isaanii irrattis gammachuudhaan haa faarfatan. 6Galanni Waaqaa afaan isaanii keessa haa jiraatu; goraadeen afaan lamaas harka isaanii keessa haa jiraattu; 7kunis sabootatti haaloo baʼuu fi namoota adabuudhaaf; 8mootota isaanii foncaan, hangafoota isaaniis funyoo sibiilaatiin hidhuudhaaf, 9murtii barreeffame sana isaan irratti dhugaa baʼuudhaaf. Kunis amanamtoota isaa hundaaf ulfina. Haalleluuyaa.

Copiato!
Aa