Salmi 66
Venite e vedete le opere di Dio
Dura buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa. Isin lafti hundinuu ililleedhaan gara Waaqaatti iyyaa! 2Ulfina maqaa isaa faarfadhaa; galata isaatiifis ulfina kennaa! 3Waaqaan akkana jedhaa; “Hojiin kee akkam sodaachisaa dha! Sababii humni kee guddaa taʼeef, diinonni kee fuula kee duratti hollatu.
4Lafti hundinuu siif sagadu; faarfannaa galataa siif faarfatu; maqaa keetiifis faarfatu.” 5Kottaatii waan Waaqni hojjete, hojii sodaachiisaa inni namaaf hojjete ilaalaa! 6Inni galaana lafa gogaatti geeddare; isaanis miilla isaaniitiin laga ceʼan; kottaa isatti haa gammannu!
7Inni bara baraan humna isaatiin bulcha; iji isaas saboota ilaala; finciltoonni ol ol of hin qabin. 8Yaa saboota, Waaqa keenya eebbisaa; sagaleen isa galateeffatus haa dhagaʼamu; 9inni lubbuu keenya jiraachiseera; miilla keenyas mucucaachuu oolcheera.
10Yaa Waaqayyo, ati nu qorteertaatii; akkuma meetiis nu qulqulleessiteerta. 11Ati kiyyootti nu galchiteerta; dugda keenya irras baʼaa keesseerta. 12Akka namoonni mataa keenya yaabbatan gooteerta; nu ibiddaa fi bishaan keessa dabarre; ati garuu iddoo badhaadhummaatti nu fidde.
13Anis qalma gubamu qabadhee mana qulqullummaa kee nan seena; wareega koos siif nan galcha; 14kunis wareega yeroo ani rakkina keessa turetti arrabni koo waadaa galee afaan koos dubbatee dha. 15Anis horii coccoomoo, qalma gubamu, korbeeyyii hoolaa immoo aarsaa godhee siif nan dhiʼeessa; jibootaa fi reʼoota illee aarsaa siifin dhiʼeessa.
16Isin warri Waaqa sodaattan hundi kottaa dhaggeeffadhaa; anis waan inni naaf godhe isinitti nan hima. 17Ani afaan kootiin isatti nan iyye; galanni isaas arraba koo irra ture. 18Utuu ani garaa koo keessa cubbuu kaaʼadhee jiraadhee, silaa Gooftaan naaf hin dhagaʼu ture; 19Waaqni garuu dhugumaan na dhaggeeffateera; sagalee kadhannaa kootiis dhagaʼeera.
20Waaqni kadhannaa koo hin didin yookaan jaalala isaa na hin dhowwatin haa eebbifamu!