Salmi 23

Il Signore è il mio pastore

Faarfannaa Daawit. Waaqayyo tiksee koo ti; ani homaa hin dhabu. 2Inni marga lalisaa keessa na boqochiisa; gara bishaan tasgabbaaʼaattis na geessa; 3inni lubbuu natti deebisa. Maqaa isaatiif jedhees karaa qajeelaa irra na deemsisa.

4Ani yoon sulula gaaddisa duʼaa keessa deeme illee ati waan na wajjin jirtuuf, homaa hin sodaadhu; uleen keetii fi bokkuun kee na jajjabeessu. 5Ati utuma diinonni koo ilaalanuu fuula koo duratti maaddii naa qopheessita. Mataa koo zayitii dibda; xoofoon koos guutuu irraan dhangalaʼaa dha. 6Dhugumaan gaarummaan keetii fi araarri kee, bara jireenya kootii hunda na duukaa buʼu; anis bara baraan, mana Waaqayyoo keessa nan jiraadha.

Copiato!
Aa