Salmi 2
L'Unto del Signore
Namoonni maaliif akkanumaan malatu? Saboonnis maaliif waan akkanumaan mariʼatu? 2Mootonni lafaa kaʼanii, bulchitoonnis Waaqayyoo fi Masiihii isaatiin mormuuf walitti qabaman; 3isaanis, “Kottaa foncaa isaanii of irraa kukkunnaa; hidhaa isaaniis of irraa hiiknee gannaa” jedhu.
4Inni samii keessa, teessoo irra taaʼee jiru ni kolfa; Gooftaanis isaanitti qoosa. 5Innis aarii isaatiin isaan ifata; dheekkamsa isaatiinis isaan naasisa; 6innis, “Ani tulluu koo qulqulluu irra, Xiyoon irra, mootii koo teessifadheera” jedha.
7Ani seera Waaqayyoo nan labsa: innis akkana anaan jedhe; “Ati ilma koo ti; ani harʼa si dhalcheera. 8Na kadhadhu; ani saboota dhaala kee, handaara lafaas qabeenya kee godhee siifan kenna. 9Ati ulee sibiilaatiin isaan cabsita; akka qodaa supheettis isaan hurreessita.” 10Kanaafuu yaa mootota, qalbeeffadhaa; bulchitoonni lafaas of eeggadhaa.
11Sodaadhaan Waaqayyoon tajaajilaa; hollachaas gammadaa. 12Akka inni hin aarreef, isinis akka karaa irratti hin badneef ilma isaa dhungadhaa; dheekkamsi isaa dafee bobaʼaatii. Warri isatti kooluu galan hundi eebbifamoo dha.