Salmi 132
Il giuramento fatto a Davide
Faarfannaa ol baʼuu. Yaa Waaqayyo, Daawitii fi rakkina inni obse hundumaa yaadadhu. 2Inni kakuu tokko Waaqayyoof kakatee Waaqa Yaaqoob Jabaa sanaaf akkana jedhee wareege: 3“Ani mana koo ol hin seenu; yookaan siree kootti ol hin baʼu.
4Ani ija kootiif hirriba, baallee ija kootiitiif immoo mugaatii hin eeyyamu; 5kunis hamma ani Waaqayyoof iddoo argutti, Waaqa Yaaqoob Jabaa sanaaf iddoo jireenyaa argutti.” 6Kunoo, Efraataatti waaʼee isaa dhageenye; Yaaʼaarittis isa arganne: 7“Kottaa iddoo jireenya isaa dhaqnaa; ejjeta miilla isaa jalattis kufnee waaqeffannaa.
8‘Yaa Waaqayyo kaʼiitii, gara iddoo boqonnaa keetii kottu; atii fi taabonni jabina keetiis kottaa. 9Luboonni kee qajeelummaa haa uffatan; qulqulloonni kees gammachuudhaan haa faarfatan.’ ” 10Sababii garbicha kee Daawitiif jedhiitii, dibamaa kee hin gatin.
11Waaqayyo akkana jedhee kakuu dhugaa tokko Daawitiif kakateera; inni kakuu kana irraa duubatti hin deebiʼu: “Ani ilmaan kee keessaa isa tokko teessoo kee irra nan teessisa; 12yoo ilmaan kee kakuu koo fi seera ani isaan barsiisu eegan, ilmaan isaaniis akkasuma bara baraa hamma bara baraatti teessoo kee irra ni taaʼu.” 13Waaqayyo Xiyoonin filateeraatii; akka isheen iddoo jireenya isaa taatus fedhee akkana jedheera: 14“Kun bara baraa hamma bara baraatti iddoo jireenyaa koo ti; kanas ani waanan fedheef, as nan jiraadha.
15Ani waan hundaan ishee nan eebbisa; hiyyeeyyii ishee illee buddeena nan quubsa. 16Luboota isheetti fayyina nan uffisa; qulqulloonni ishees gammachuudhaan ni faarfatu. 17“Ani achitti akka gaanfi tokko Daawitiif biqilu nan godha; dibamaa koofis ibsaa qopheesseera.
18Diinota isaatti qaanii nan uffisa; gonfoon mataa isaa irraa garuu ni ifa.”