Giobbe 28

Dove si trova la sapienza

Dhugumaan iddoon meetiin keessaa qotamu, lafti warqeen itti baafamee qulqulleeffamu jira. 2Sibiilli lafa keessaa baafama; sibiilli diimaan immoo dhagaa albuudaa irraa baqfama. 3Namni hamma dhuma dukkanaatti deema; moggaa akka malee fagoo dhaqees, dukkana hamaa keessa dhagaa albuudaa barbaada.

4Inni lafa namoonni jiraatan irraa fagaatee iddoo miilli namaa ejjetee hin beeknetti boolla qota; namoota irraa fagaatee ni rarraʼa; asii fi achis ni raafama. 5Lafa irraa garuu nyaatatu argama; jala isheetiin immoo akka waan ibidda taateetti geeddaramti; 6dhagaan isaa burqaa sanpeerii ti; biyyoon isaas warqee qaba.

7Allaattiin tokko iyyuu karaa dhokfame sana hin beeku; iji culullees karaa sana hin argine. 8Bineensonni sodaachisoon irra hin ejjenne; leencis karaa sana hin darbine. 9Harki namaa dhagaa jabaa cabsa; hundee tulluuwwanii immoo ni gaggaragalcha.

10Inni kattaa keessaan karaa baasa; iji isaas waan gatii guddaa hunda arga. 11Madda lageenii ni sakattaʼa; waan dhokfames ifatti ni baasa. 12Ogummaan garuu eessaa argamti? Hubannaanis eessa jiraata?

13Namni gatii isaa hin beeku; inni biyya jiraattotaa keessatti hin argamu. 14Tujubni, “Inni na keessa hin jiru” jedha; galaannis, “Inni na bira hin jiru” jedha. 15Warqeen qulqulluun isa bituu hin dandaʼu; gatiin isaas meetiidhaan hin madaalamu.

16Warqee Oofiiriitti, dhagaa gatii guddaa sardooniksiitti yookaan sanpeeriitti hin tilmaamamu. 17Warqee fi dhagaan akka bilillee calaqqisu ittiin hin qixxaatu; inni faaya warqee qulqulluutiin hin geeddaramu. 18Elellaanii fi dooqni akka waan gatii qabaniitti hin hedaman; gatiin ogummaa lula diimaa caala.

19Tophaaziyooniin Itoophiyaa itti qixxaatu; warqee qulqulluudhaanis bitamuu hin dandaʼu. 20Yoos ogummaan eessaa dhufti ree? Hubannaanis eessa jiraatti? 21Isheen ija uumama hundaa jalaa dhokatteerti; simbirroota samii jalaas baddeerti.

22Badiisnii fi Duuti, “Nu oduu ishee qofa gurra keenyaan dhageenye” jedhu. 23Waaqa qofatu daandii gara ishee geessu hubatee, lafa inni jiraatus beeka; 24inni handaara lafaa ni ilaala; waan samii jala jiru hunda ni argaatii.

25Inni yommuu bubbeedhaaf humna kennee bishaanota safaretti, 26yommuu bokkaadhaaf seera dhaabee bakakkaaf immoo daandii baasetti, 27inni ogummaa ilaalee madaale; jabeessee dhaabee ishee qorate.

28Ergasii ilmaan namaatiin, “Gooftaa sodaachuun ogummaa; waan hamaa irraa fagaachuunis hubannaa dha” jedhe.

Copiato!
Aa