Psalms 95

Come, let us bow down in worship

Kottaa Waaqayyoof faarfannaa; Kattaa fayyina keenyaatiifis ni ililchinaa. 2Galataan fuula isaa duratti haa dhiʼaannu; faarfannaadhaanis isa haa leellifnu. 3Waaqayyo Waaqa guddaadhaatii; inni waaqota hundaa olitti Mootii guddaa dha.

4Qileewwan lafaa harka isaa keessa jiru; fiixeewwan tulluus kan isaa ti. 5Galaanni kan isaa ti; isatu hojjeteetii; lafa gogaa illee harka isaatu uume. 6Kottaa gad jennee sagadnaa; Uumaa keenya Waaqayyo duratti ni jilbeenfannaa; 7inni Waaqa keenyaatii; nu immoo saba eegumsa isaa jala jirruu dha; bushaayee harka isaa keessa jiruudhas. Isin harʼa yoo sagalee isaa dhageessan, 8akka Mariibaatti gootan sana, akka gaafa gammoojjii keessatti Maasaatti gootan sanaa mataa hin jabaatinaa; 9abbootiin keessan utuma hojii koo arganuu, achitti qoranii na ilaalan.

10Dhaloota sanatti ani waggaa afurtama nan dheekkame; anis, “Isaan saba garaan isaanii karaa irraa jalʼatee dha; isaan karaa koo hin beekne” nan jedheen. 11Kanaafuu ani dheekkamsa kootiin, “Isaan boqonnaa kootti hin galan” jedhee kakadhe.

Copied!
Aa