Psalms 6
Do not rebuke me in your anger
Dura buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa Baganaadhaan faarfatamu. Faarfannaa Daawit kan akka sirna Shamiiniitiitti faarfatamu. Yaa Waaqayyo aarii keetiin na hin hifatin; yookaan dheekkamsa keetiin na hin adabin. 2Naa gameeraatii yaa Waaqayyo naaf araarami; lafeen koos jeeqameeraatii yaa Waaqayyo na fayyisi. 3Lubbuun koo akka malee jeeqameera; kun hamma yoomiitti? Yaa Waaqayyo, hamma yoomiitti?
4Yaa Waaqayyo, deebiʼiitii lubbuu koo oolchi; araara keetiif jedhiitii na fayyisi. 5Namni duʼe si hin yaadatu. Siiʼool keessatti eenyutu si galateeffata? 6Ani aaduu kootiin bututeera. Halkan hunda booʼichaan siree koo nan dhiqa; imimmaaniinis iddoo ciisichaa koo nan tortorsa.
7Iji koo gaddaan fajajeera; sababii diinota koo hundaatiifis dadhabeera. 8Warri hamaa hojjettan hundinuu narraa fagaadhaa; Waaqayyo sagalee booʼicha koo dhagaʼeeraatii. 9Waaqayyo waammata koo dhagaʼeera; Waaqayyo kadhannaa koo ni fudhata.
10Diinonni koo hundinuu haa qaanaʼan; akka malees haa rifatan; qaanii tasaatiinis of irra haa garagalan.