Psalms 147

He counts the number of the stars

Haalleluuyaa. Faarfannaadhaan Waaqa galateeffachuun akkam gaarii dha; isa galateeffachuun akkam gammachiisaa fi kan maluu dha! 2Waaqayyo Yerusaalemin ni ijaara; Israaʼeloota boojiʼamanis walitti qaba. 3Warra garaan cabe ni fayyisa; madaa isaaniis walitti hodha.

4Inni baayʼina urjiiwwanii ni beeka; tokkoo tokkoo isaaniis maqaa maqaadhaan waama. 5Gooftaan keenya guddaa dha; humni isaas jabaa dha; hubannaan isaas dhuma hin qabu. 6Waaqayyo warra gad qabaman ni jiraachisa; hamoota garuu lafatti darbata.

7Galata galchaa Waaqayyoon faarfadhaa; baganaadhaanis Waaqa keenyaaf weeddisaa. 8Inni samiiwwani duumessaan haguuga; lafaafis bokkaa kenna; tulluuwwan irrattis marga biqilcha. 9Horiidhaaf waan isaan dheedan, yommuu ilmaan arraagessaa iyyanitti nyaata isaaniif ni kenna.

10Inni jabina fardaatti hin gammadu; yookaan miilli namaa isa hin gammachiisu; 11Waaqayyo warra isa sodaatanitti, warra araara isaa abdatanitti ni gammada. 12Yaa Yerusaalem, Waaqayyoon galateeffadhu; Yaa Xiyoon Waaqa kee galateeffadhu.

13Inni danqaraa karra keetii ni jabeessaatii; ijoollee kees si keessatti eebbisa. 14Daarii keetiif nagaa kenna; qamadii qulqulluudhaanis si quubsa. 15Inni ajaja isaa gara lafaatti ni erga; dubbiin isaas ni ariifata.

16Inni cabbii akkuma suufiitti diriirsa; qorras akkuma daaraatti bittinneessa. 17Dhagaa cabbii akkuma cirrachaa gad darbata. Dhaamocha isaa dura eenyutu dhaabachuu dandaʼa? 18Inni dubbii isaa ergee isaan baqsa; bubbee isaa ni kaasa; bishaanonnis ni yaaʼu.

19Inni dubbii isaa Yaaqoobitti, seeraa fi sirna isaa immoo Israaʼelitti mulʼiseera. 20Waan kana saba biraa tokkoof iyyuu hin goone; isaan seera isaa hin beekan. Haalleluuyaa.

Copied!
Aa