Psalms 14

The fool says in his heart

Dura buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit. Gowwaan garaa isaatti, “Waaqni hin jiru” jedha. Isaan xuraaʼaniiru; hojiin isaaniis jibbisiisaa dha; namni waan gaarii hojjetu tokko iyyuu hin jiru. 2Waaqayyo yoo namni waa hubatu, kan Waaqas barbaadu, tokko iyyuu jiraate arguuf jedhee, samii irraa ilmaan namootaa gad ilaala. 3Hundinuu dogoggoraniiru; hundi isaaniis xuraaʼaniiru; namni waan gaarii hojjetu tokko hin jiru; tokkumti iyyuu hin jiru.

4Warri hammina hojjetan kanneen akkuma waan buddeena nyaataniitti saba koo nyaatan, warri Waaqayyoon hin waammanne hundinuu homaa hin beekanii? 5Isaan sodaadhaan liqimfamaniiru; Waaqni dhaloota qajeeltotaa wajjin jiraatii. 6Isin jalʼoonni karoora hiyyeeyyii jalaa fashaleessitu; Waaqayyo garuu daʼoo isaanii ti.

7Maaloo utuu Xiyoon keessaa fayyinni Israaʼeliif dhufee! Yommuu Waaqayyo saba isaa warra boojiʼaman deebisutti, Yaaqoob haa ililchu; Israaʼelis haa gammadu!

Copied!
Aa