Psalms 129

Often they have afflicted me

Faarfannaa ol baʼuu. Israaʼel akkana haa jedhu; “Isaan dargaggummaa kootii jalqabanii akka malee na cunqursaniiru; 2isaan dargaggummaa kootii jalqabanii akka malee na cunqursaniiru; garuu na hin moʼanne. 3Warri qootiisa qotan dugda koo qotan; boʼoo isaaniis ni dheeressan.

4Waaqayyo garuu qajeelaa dha; funyoo jalʼootaa gargar kukkuteera.” 5Warri Xiyoonin jibban hundinuu, qaaniidhaan duubatti haa deebiʼan. 6Isaan akka marga bantii manaa irraa kan utuu hin guddatin goguu haa taʼan; 7namichi haamu qabaa isaa guuttachuu, yookaan namichi walitti qabu bissii isaa guuttachuu hin dandaʼu.

8Warri achiin darban, “Eebbi Waaqayyoo isiniif haa taʼu; maqaa Waaqayyootiin isin eebbifna” isaaniin hin jedhin.

Copied!
Aa