Psalms 115

Not to us, O Lord, but to your name

Nuuf miti; yaa Waaqayyo, nuuf miti; garuu jaalalaa fi amanamummaa keetiif jedhiitii maqaa keetiif ulfina kenni. 2Saboonni maaliif, “Waaqni isaanii eessa jira?” jedhu? 3Waaqni keenya samii keessa jira; inni waan isa gammachiisu kam iyyuu ni hojjeta.

4Waaqonni isaanii tolfamoon garuu meetii fi warqee harka namaatiin hojjetamanii dha. 5Isaan afaan qabu; garuu dubbachuu hin dandaʼan; ijas qabu; garuu arguu hin dandaʼan; 6gurra qabu; garuu dhagaʼuu hin dandaʼan; funyaan qabu; garuu fuunfachuu hin dandaʼan; 7harka qabu; garuu qaqqabachuu hin dandaʼan; miilla qabu; garuu deemuu hin dandaʼan; laagaa isaanii keessattis sagalee tokko illee hin uuman.

8Warri isaan tolchan kanneen isaan amanatan hundi akkuma isaanii taʼu. 9Yaa mana Israaʼel, Waaqayyoon amanadhu; inni gargaarsaa fi gaachana isaanii ti. 10Yaa mana Aroon, Waaqayyoon amanadhu; inni gargaarsaa fi gaachana isaanii ti.

11Isin warri isa sodaattan, Waaqayyoon amanadhaa; inni gargaarsaa fi gaachana isaanii ti. 12Waaqayyo nu yaadata; nu eebbisas; inni mana Israaʼel ni eebbisa; mana Aroonis ni eebbisa; 13inni warra Waaqayyoon sodaatan, xinnaas guddaas ni eebbisa.

14Waaqayyo, isinii fi ijoollee keessan haa baayʼisu. 15Waaqayyo samii fi lafa Uume sun isin haa eebbisu. 16Samiin samiiwwanii oliis kan Waaqayyoo ti; lafa garuu inni namaaf kenneera.

17Warri duʼan yookaan warri gara iddoo calʼisanitti gad buʼan Waaqayyoon galateeffachuu hin dandaʼan; 18nu garuu ammaa jalqabnee bara baraan Waaqayyoon ni eebbifna. Haalleluuyaa.

Copied!
Aa