Proverbs 13
A wise son heeds his father
Ilmi ogeessi gorsa abbaa isaa dhagaʼa; qoostuun namaa immoo dheekkamsa hin dhaggeeffatu. 2Namni waan afaan isaatii baʼuun waan gaariin gammada; namni hin amanamne garuu jeequmsaaf ariifata. 3Namni arraba isaa eeggatu, jireenya isaa eeggata; kan of eeggachuu malee dubbatu immoo baduuf ariifata.
4Fedhiin dhibaaʼaa yoom iyyuu hin guutamu; fedhiin nama jabaatee hojjetuu immoo guutumaan ni milkaaʼa. 5Namni qajeelaan soba jibba; namni hamaan garuu qaanii fi salphina fida. 6Qajeelummaatu nama tolaa tiksa; hamminni garuu cubbamaa galaafata.
7Namni tokko sooressa of fakkeessa; garuu homaa hin qabu; tokko immoo hiyyeessa of fakkeessa; garuu qabeenya guddaa qaba. 8Soorumni nama tokkoo furii jireenya isaa taʼuu dandaʼa; hiyyeessi garuu ifannaa hin dhagaʼu. 9Ifni nama qajeelaa akka gaarii ifa; ibsaan nama hamaa garuu ni dhaama.
10Of tuulummaan lola qofa baayʼisa; ogummaan garuu warra gorsa dhagaʼan biratti argamti. 11Maallaqni karaa sobaatiin dhufu dafee bada; namni xinnoo xinnoon maallaqa walitti qabatu garuu ni kuufata. 12Abdiin lafa irra harkifatu garaa nama dhukkubsa; hawwiin guutamu garuu muka jireenyaa ti.
13Namni gorsa tuffatu badiisa ofitti fida; kan ajaja ulfeessu immoo badhaasa argata. 14Barsiisni nama ogeessaa burqaa jireenyaa ti; kiyyoo duʼaa irraas nama deebisa. 15Hubannaan gaariin surraa argamsiisa; karaan warra hin amanamnee garuu badiisatti isaan geessa.
16Namni qalbii qabu kam iyyuu beekumsaan hojjeta; gowwaan immoo gowwummaa isaa mulʼisa. 17Ergamaan hamaan rakkoo keessa seena; ergamaan amanamaan garuu fayyina fida. 18Namni adabamuu jibbu ni hiyyooma; ni qaanaʼas; kan sirreeffama kabaju immoo ulfina argata.
19Hawwiin guutame namatti miʼaawa; gowwoonni garuu waan hamaa irraa deebiʼuu balfu. 20Namni nama ogeessa wajjin deemu ogeessa taʼa, michuun gowwootaa garuu ni miidhama. 21Wanni hamaan cubbamoota ariʼata; badhaadhummaan immoo badhaasa qajeelotaa ti.
22Namni gaariin ilmaan ilmaan isaatiif dhaala dabarsa; qabeenyi nama cubbamaa garuu qajeeltotaaf kuufama. 23Qonnaan hiyyeessaa midhaan guddaa baasa; murtiin jalʼaan garuu haxaaʼee duraa balleessa. 24Namni harcummee qusatu ilma isaa jibba; kan ilma ofii jaallatu immoo ilaallachaa isa adaba.
25Namni qajeelaan hamma quufutti nyaata; garaan nama hamaa garuu ni beelaʼa.