Proverbs 10

A wise son brings joy

Fakkeenyawwan Solomoon: Ilmi ogeessi abbaa isaa gammachiisa; ilmi gowwaan garuu haadha isaa gaddisiisa. 2Qabeenyi karaa hamaadhaan horatan gatii hin qabu; qajeelummaan garuu duʼa jalaa nama baasa. 3Waaqayyo akka warri qajeelaan beelaʼan hin eeyyamu; hawwii jalʼootaa garuu ni busheessa.

4Harki hojii hin hojjenne nama hiyyoomsa; harki jabaatee hojii hojjetu garuu nama sooromsa. 5Namni yeroo bonaa midhaan walitti qabatu ilma ogeessa; kan yeroo midhaan galfamutti rafu immoo ilma nama qaanessuu dha. 6Eebbi mataa qajeeltotaatti gonfoo kaaʼa; afaan hamootaa irra garuu jeequmsatu lolaʼa.

7Yaadannoon nama qajeelaa eebba taʼa; maqaan nama hamaa garuu lafa irraa bada. 8Namni garaa isaatti ogeessa taʼe ajaja fudhata; gowwaan oduu baayʼisu garuu ni bada. 9Namni amanamaan sodaa malee deema; kan karaa isaa jalʼisu garuu ni saaxilama.

10Namni ija hamminaatiin waa namaan jedhu rakkoo uuma; gowwaan oduu baayʼisu garuu ni bada. 11Afaan nama qajeelaa burqaa jireenyaa ti; afaan hamootaa irra garuu jeequmsatu lolaʼa. 12Jibbi lola kakaasa; jaalalli garuu balleessaa hunda haguuga.

13Ogummaan hidhii nama waa hubatuu irratti argamti; uleen immoo dirra nama hubannaa hin qabnee irra buʼa. 14Namoonni ogeeyyiin beekumsa kuufatu; afaan gowwaa garuu badiisa waama. 15Qabeenyi sooreyyii isaaniif magaalaa daʼoo qabduu dha; hiyyummaan garuu badiisa hiyyeeyyii ti.

16Mindaan qajeeltotaa jireenya; galiin hamootaa garuu cubbuu fi duʼa. 17Namni gorsa fudhatu karaa jireenyaa irra deema; namni adaba didu kam iyyuu garuu warra kaan karaa irraa jalʼisa. 18Namni hidhii sobuun jibba dhokfatu, kan maqaa namaa balleessus gowwaa dha.

19Yoo dubbiin baayʼatu, cubbuun keessaa hin dhabamu; namni arraba isaa eeggatu garuu ogeessa. 20Arrabni nama qajeelaa meetii filatamaa dha; garaan nama hamaa garuu faayidaa xinnoo qaba. 21Arrabni nama qajeelaa nama hedduu soora; gowwoonni garuu hubannaa dhabiisaan duʼu.

22Eebbi Waaqayyoo nama sooromsa; inni rakkina tokko illee itti hin dabalu. 23Gowwaan amala hamaadhaan gammachuu argata; namni waa hubatu garuu ogummaatti gammada. 24Wanni namni hamaan sodaatu isumatti dhufa; hawwiin nama qajeelaa immoo ni guutamaaf.

25Yeroo bubbeen hamaan bubbisu namoonni hamoon ni badu; qajeeltonni garuu bara baraan jabaatanii jiraatu. 26Akkuma wanni dhangaggaaʼaan ilkaan miidhee, aarris ija miidhu sana namni dhibaaʼaan warra isa ergatu miidha. 27Waaqayyoon sodaachuun bara jireenya namaa dheeressa; umuriin nama hamaa garuu ni gabaabbata.

28Abdiin nama qajeelaa gammachuu taʼa; wanni namni hamaan eeggatu garuu ni bada. 29Karaan Waaqayyoo nama qajeelaaf daʼoo dha; nama jalʼaaf garuu badiisa. 30Qajeeltonni yoom iyyuu hin fonqolfaman; hamoonni garuu lafa irratti hin hafan.

31Afaan nama qajeelaa ogummaa dubbata; arrabni jalʼaan garuu ni kutama. 32Arrabni nama qajeelaa waan fudhatama qabu dubbata; afaan nama hamaa garuu waan jalʼaa qofa dubbata.

Copied!
Aa