Nehemiah 7
Guards for the city
Erga dallaan sun ijaaramee anis cufaawwan iddootti deebisee booddee karra eegdonni, faarfattoonnii fi Lewwonni ni ramadaman. 2Anis Yerusaalem irratti Anaanii obboleessa koo fi Hanaaniyaa ajajaa masaraa mootummaa sana nan muude; Hanaaniyaan kun nama hunda caalaa amanamaa fi kan Waaqa sodaatu tureetii. 3Ani akkanan isaaniinan jedhe; “Karrawwan Yerusaalem hamma aduun hoʼitutti banamuu hin qaban. Yeroo karra eegdonni hojii irra jiranittis cufaawwan cufamanii danqaraan keessa haa loofamu. Akkasumas jiraattota Yerusaalem keessaa eegdota tokko tokko iddoo isaaniitti, kaan immoo mana isaanii biratti ramadaa.”
The list of those who returned
4Magaalattiin guddoo fi balʼoo turte; garuu saba muraasatu ishee keessa jiraata ture. Manneenis amma iyyuu deebifamanii hin ijaaramne. 5Waaqni koos akka isaan maatii maatiidhaan galmeeffamaniif akka ani namoota bebeekamoo, qondaaltotaa fi uummata walitti qabuuf garaa koo keessa kaaʼe. Anis galmee hidda dhalootaa kan warra jalqabatti deebiʼanii nan argadhe. Wanni barreeffamee ani achitti argadhe kanaa dha: 6Isaan kunneen namoota kutaa biyya sanaa warra boojuu Nebukadnezar mootichi Baabilon sun boojiʼee isaan geessee ture sanaa deebiʼanii dha; isaanis Yerusaalemii fi Yihuudaatti deebiʼanii tokkoon tokkoon isaanii magaalaa ofii isaaniitti galan; 7isaanis Zarubaabel, Iyyaasuu, Nahimiyaa, Azaariyaa, Raʼaamiyaa, Nahamaan, Mordekaayi, Bilshaan, Misiphereti, Baguwaayi, Nehuumii fi Baʼanaa wajjin dhufan.
8Sanyiin Phaarosh 2,172 9sanyiin Shefaaxiyaa 372 10sanyiin Aaraa 652 11sanyiin Fahat Moʼaab warri karaa Yeeshuʼaa fi Yooʼaab dhalatan 2,818 12sanyiin Eelaam 1,254 13sanyiin Zaatuu 845 14sanyiin Zakaayi 760 15sanyiin Binuuyii 648
16sanyiin Beebay 628 17sanyiin Azgaad 2,322 18sanyiin Adooniiqaam 667 19sanyiin Baguwaay 2,067 20sanyiin Aadiin 655 21sanyiin Ateer warri karaa Hisqiyaas 98 22sanyiin Haashum 328 23sanyiin Beesaay 324
24sanyiin Haariif 112 25sanyiin Gibeʼoon 95 26namoonni Beetlihemii fi namoonni Netoofaa 188 27namoonni Anaatoot 128 28namoonni Beet Azmaawet 42 29namoonni Kiriyaati Yeʼaariim, kan Kefiiraatii fi Biʼeeroot 743 30namoonni Raamaa fi Gebaa 621 31namoonni Mikmaas 122
32namoonni Beetʼeelii fi Aayi 123 33namoonni Neboo kaan 52 34namoonni Eelaam kaan 1,254 35namoonni Haariim 320 36namoonni Yerikoo 345 37namoonni Lood, kan Haadiidii fi Oonoom 721 38namoonni Senaaʼaa 3,930.
39Luboota: Sanyiin Yedaaʼiyaa warri karaa maatii Yeeshuuʼaa dhufan 973 40sanyiin Imeer 1,052 41sanyiin Phaashihuur 1,247 42sanyiin Haariim 1,017.
43Lewwota: Sanyiin Yeeshuuʼaa warri karaa Qadmiiʼeel, karaa Hoodayiwaa dhufan 74. 44Faarfattoota: Sanyiin Asaaf 148. 45Eegdota karra mana qulqullummaa: Sanyiin Shaluum, sanyiin Ateer, sanyiin Talmoon, sanyiin Aquub, sanyiin Haxiixaa fi sanyiin Soobaay 138.
46Tajaajiltoota mana qulqullummaa: Sanyii Ziihaa, sanyii Hasuufaa, sanyii Xabaaʼoot, 47sanyii Keeroos, sanyii Siiʼaa, sanyii Faadon, 48sanyii Lebaanaa, sanyii Hagaabaa, sanyii Shalmaayi, 49sanyii Haanaan, sanyii Gideel, sanyii Gahar, 50sanyii Reʼaayaa, sanyii Reziin, sanyii Neqoodaa, 51sanyii Gazaam, sanyii Uzaa, sanyii Faasehaa, 52sanyii Beesaay, sanyii Meʼuuniim, sanyii Nefuushesiim, 53sanyii Baqbuuq, sanyii Haquufaa, sanyii Harhuur,
54sanyii Bazliit, sanyii Mihiidaa, sanyii Harshaa, 55sanyii Barqoos, sanyii Siisaaraa, sanyii Teemahi, 56sanyii Neziiyaa fi sanyii Haxiifaa.
57Sanyii Tajaajiltoota Solomoon: Sanyii Soxaayi, sanyii Sofereeti, sanyii Feriidaa, 58sanyii Yaʼilaa, sanyii Darqoon, sanyii Gideel, 59sanyii Shefaaxiyaa, sanyii Haxiil, sanyii Fookeret-Hazbaayimii fi sanyii Aamoon.
60Tajaajiltoota mana qulqullummaatii fi sanyiin tajaajiltoota Solomoon 392. 61Warri armaan gadiis magaalaawwan Teel Melaa, Teel Hareshaa, Kiruub, Adoonii fi Imeeriitii dhufan; isaan garuu akka maatiin isaanii sanyii Israaʼel taʼan mirkaneessuu hin dandeenye; isaanis: 62Sanyiin Delaayaa, sanyiin Xoobbiyaa fi sanyiin Neqoodaa 642.
63Luboota keessaa immoo: Sanyii Habayaa, sanyii Haqoosii fi kan Barzilaay; Barzilaayiin kun sababii intala Barzilaay namicha Giliʼaad sanaa fuudheef maqaa kanaan waamame. 64Isaan kunneen sababii galmee hidda dhalootaa keessaa maqaa maatii isaanii barbaadanii dhabaniif akka xuraaʼotaatti ilaalamanii tajaajila lubummaa dhowwaman. 65Bulchaan biyyattiis hamma lubni Uriimii fi Tumiimiidhaan tajaajilu tokko kaʼutti akka isaan nyaata nyaata hunda caalaa qulqulluu taʼe kam iyyuu hin nyaanneef isaan ajaje.
66Warri boojuudhaa deebiʼan walumaa galatti namoota 42,360 turan; 67kana malees tajaajiltoonni isaanii dhiiraa fi dubartiin 7,337 turan; akkasumas isaan faarfattoota dhiiraa fi dubartii 245 qabu ture. 68Isaan farda 736, gaangolii 245, 69gaala 435 fi harree 6,720 qaban ture.
Gifts for the work
70Hangafoonni maatiiwwanii tokko tokko hojii sanaaf buusii buusan. Bulchaan biyyaa immoo warqee daariikii 1,000, waciitii 50 fi uffata lubootaa 530 mankuusaatti galii godhe. 71Abbootiin maatiiwwanii tokko tokko immoo hojii sanaaf warqee daariikii 20,000 fi meetii minnaanii 2,200 mankuusatti galii godhan. 72Uummanni kaan immoo walumaa galatti warqee daariikii 20,000, meetii minnaanii 2,000 fi uffata lubootaa 67 kennan.
73Luboonni, Lewwonni, eegdonni karraa, faarfattoonnii fi tajaajiltoonni mana qulqullummaa namoota tokko tokkoo fi Israaʼeloota kaan wajjin magaalaawwan ofii isaanii keessa qubatan.