Joshua 12

Kings defeated east of the Jordan

Warri Kunneen mootota Israaʼeloonni moʼatanii biyyoota isaanii jechuunis gama baʼa Arabbaa hunda dabalatee, baʼa Yordaanos, Sulula Arnooniitii hamma Tulluu Hermoonitti irraa fudhatanii dha: 2Sihoon mootiin Amoorotaa, Heshboon keessa taaʼee Aroʼeer ishee qarqara sulula Arnoonitti argamtu sanaa jalqabee hamma Laga Yaaboq kana daarii Amoonotaatti bulchaa ture; kunis walakkaa Giliʼaad dabalata. 3Akkasumas baʼa Arabbaa Galaana Kinereetiitii jalqabee hamma Galaana Arabbaa yookaan Galaana Soogiddaatti, hamma Beet Yashiimootitti, achii immoo karaa Kibbaatiin hamma tabba Phisgaatti bulchaa ture.

4Oogi mootichi Baashaan kan sanyii Refaayim keessaa isa dhumaa taʼe sun Ashtaarotii fi Edreyii bulchaa ture. 5Innis Tulluu Hermoon, Salkaa, guutummaa Baashaan hamma Geshuurotaattii fi Maʼakaataatti, walakkaa Giliʼaad immoo hamma daangaa Sihoon mooticha Heshboonitti bulchaa ture. 6Museen garbichi Waaqayyootii fi Israaʼeloonni isaan moʼatan. Museen garbichi Waaqayyoo biyya isaanii Ruubeenotaaf, gosa Gaadiitii fi walakkaa gosa Minaaseetiif dhaala godhee kenne.

Kings defeated west of the Jordan

7Mootonni biyya Iyyaasuu fi Israaʼeloonni Yordaanosiin gama lixa biiftuutti moʼatanii kanneenii dha: biyyi isaaniis Baʼaal Gaad Sulula Libaanoon keessa jirtu sanaa jalqabee hamma Tulluu Halaaq kan gara Seeʼiir lafa Iyyaasuun akkuma gosa gosa isaaniitti dhaala godhee Israaʼelootaaf kenne sanaatti ol kaʼuu dha. 8Biyyoonni kunneenis biyya gaaraa, biyya karaa lixaa, Arabbaa, tabba tulluu, lafa alootii fi Negeebi jechuunis biyyoota Heetotaa, Amoorotaa, Kanaʼaanotaa, Feerzotaa, Hiiwotaatii fi Yebuusotaa ti. 9Mootii Yerikoo, tokko mootii Aayi kan Beetʼeel biraa, tokko 10mootii Yerusaalem, tokko mootii Kebroon, tokko 11mootii Yarmuut, tokko mootii Laakkiish, tokko 12mootii Egloon, tokko mootii Geezir, tokko 13mooticha Debiir, tokko mootii Gaadeer, tokko 14mootii Hormaa, tokko mootii Aaraad, tokko

15mootii Libnaa, tokko mootii Adulaam, tokko 16mootii Maqeedaa, tokko mootii Beetʼeel, tokko 17mootii Tafuuʼaa, tokko mootii Heefer, tokko 18mootii Afeeq, tokko mooticha Lashaaroon, tokko 19mootii Maadoon, tokko mootii Haazoor, tokko 20mootii Shimroon Meroon, tokko mootii Akshaaf, tokko 21mootii Taʼanaak, tokko mootii Megidoo, tokko 22mootii Qaadesh, tokko mootii Yoqeniʼaam kan Qarmeloos jiraatu, tokko

23mootii Door kan tabba Door irra jiraatu, tokko mootii Gooyim kan Gilgaal keessaa jiraatu, tokko 24mootii Tiirzaa, tokko.

Copied!
Aa