Sprüche 18
Ein Freund, näher als ein Bruder
Namni addaan of baasu ofittummaa duukaa buʼa; murtii dhugaa hundaanis ni morma. 2Namni gowwaan hubannaa argachuutti hin gammadu; garuu yaaduma isaa ibsuutti gammada. 3Yeroo hamminni dhufu tuffiin dhufa; salphinnis qaanii wajjin dhufa.
4Dubbiin afaan namaa bishaan gad fagoo dha; burqaan ogummaa garuu bishaan yaaʼuu dha. 5Gara nama hamaa goruun yookaan nama balleessaa hin qabne murtii qajeelaa dhowwachuun gaarii miti. 6Hidhiin gowwaa lola fida; afaan isaas rukutamuu itti waama.
7Afaan gowwaa badiisa isaa ti; hidhiin isaas kiyyoo lubbuu isaa ti. 8Dubbiin hamattuu akkuma gurshaa miʼaawuu ti; gara kutaa garaattis gad buʼa. 9Namni hojii isaa irratti dhibaaʼu, obboleessa nama waa balleessuu ti.
10Maqaan Waaqayyoo gamoo jabaa dha; namni qajeelaan itti baqatee badiisa oola. 11Qabeenyi sooreyyii isaaniif magaalaa daʼoo qabduu dha; isaanis akka dallaa ol dheeraatti hedu. 12Kufaatiidhaan dura garaan namaa of tuula; gad of qabuun garuu ulfinaan dura dhufa.
13Utuu hin dhaggeeffatin deebii kennuun, gowwummaa fi qaanii dha. 14Hafuurri namaa dhukkuba ni obsa; hafuura cabe garuu eenyutu obsuu dandaʼa? 15Garaan nama hubataa beekumsa argata; gurri ogeessaas waan kana barbaada.
16Kennaan abbicha kennuuf karaa bana; fuula namoota gurguddaa durattis isa dhiʼeessa. 17Hamma namni biraa dhufee isaan mormutti, namni jalqabatti himata isaa dhiʼeeffatu tokko dhugaa qabeessa fakkaata. 18Ixaa buusuun wal falmii qabbaneessa; namoota wal lolan jajjaboos addaan galcha.
19Obboleessa yakkame tokko deebisuun magaalaa daʼoo qabdu irra ulfaata; wal falmiinis akkuma danqaraa karra dallaa dhagaa ti. 20Ija afaan isaatiin garaan namaa quufa; dubbii arraba isaatiinis ni guuta. 21Arrabni humna jireenyaatii fi duʼaa qaba; warri isa jaallatanis ija isaa nyaatu.
22Namni niitii argatu waan gaarii argata; fuula Waaqayyoo durattis surraa argata. 23Hiyyeessi arraba laafaadhaan dubbata; sooressi garuu sagalee jabaadhaan deebii kenna. 24Namni michoota baayʼisu ni bada; garuu michuun obboleessa caalaa namatti aanu ni jira.