시편 133
형제가 연합하여 동거함이 어찌 그리 선하고 아름다운고
Faarfannaa ol baʼuu. Faarfannaa Daawit. Obboloonni tokkummaadhaan walii wajjin jiraachuun, akkam gaarii dha! Akkam namatti tolas! 2Kun akka zayitii gatii guddaa kan mataa irratti dhangalaafamee, akka isa areeda irra gad yaaʼuu, areeda Aroon irra, morma uffata isaa irras gad yaaʼa ti. 3Innis akkuma fixeensa Hermoon, kan Tulluu Xiyoon irra gad yaaʼuu ti. Achi irratti Waaqayyo hamma bara baraatti eebba isaa, jireenyas ajajeeraatii.
복사됨!
Aa