잠언 14
지혜로운 여인은 집을 세운다
Dubartiin ogeettiin mana ishee ijaarratti; gowwaan immoo harkuma isheetiin mana ofii diigdi. 2Namni qajeelummaan jiraatu Waaqayyoon sodaata; kan karaan isaa jalʼaa taʼe garuu isa tuffata. 3Afaan nama gowwaa dugda isaatti ulee of tuulummaa fida; arrabni ogeeyyii garuu isaan eega.
4Yoo qotiyyoon hin jirre, dallaan duwwaa taʼa; garuu humna qotiyyoo tokkootiin midhaan baayʼeen argama. 5Dhuga baatuun amanamaan hin sobu; dhuga baatuun sobaa immoo dhara of keessaa gad naqa. 6Qoostuun namaa ogummaa barbaadee hin argatu; nama waa hubatuuf garuu beekumsi dadhabbii malee dhufa.
7Ati nama gowwaa irraa fagaadhu; arraba isaa irraa beekumsa hin argattuutii. 8Ogummaan hubattootaa akka isaan karaa isaanii beekan isaan godha; gowwummaan gowwootaa garuu karaa irraa isaan balleessa. 9Gowwoonni cubbuutti qoosu; qajeeltota gidduutti garuu hawwii gaariitu argama.
10Garaan gadda ofii isaa ni beeka; namni biraa tokko iyyuu gammachuu isaa irraa hin qooddatu. 11Manni nama hamaa ni bada; dunkaanni nama qajeelaa immoo ni daraara. 12Karaan qajeelaa namatti fakkaatu tokko jira; dhuma irratti garuu duʼatti nama geessa.
13Kolfa keessatti iyyuu garaan nama dhukkubuu dandaʼa; gammachuunis gaddaan dhumuu dandaʼa. 14Namni hin amanamne gatii karaa isaa, namni gaariin immoo gatii hojii isaa argata. 15Namni homaa hin beekne waan hunda amana; namni qalbii qabu garuu tarkaanfii isaa ilaallata.
16Namni ogeessi of eeggata; waan hamaa irraas ni deebiʼa; gowwaan garuu waan hundatti jarjara; of illee hin eeggatu. 17Namni dafee aaru gowwummaa hojjeta; namni daba hojjetu garuu ni jibbama. 18Namni homaa hin beekne gowwummaa dhaala; qalbeeffataan garuu beekumsa gonfata.
19Namoonni hamoon fuula namoota gaarii duratti, jalʼoonnis karra qajeeltotaa duratti sagadu. 20Hiyyeeyyii olloonni isaanii iyyuu ni jibbu; sooreyyiin immoo michoota hedduu qabu. 21Namni ollaa isaa tuffatu cubbuu hojjeta; kan rakkataaf garaa laafu garuu eebbifamaa dha.
22Namni hammina yaadu karaa irraa hin baduu? Warri waan gaarii karoorsan garuu jaalalaa fi amanamummaa argatu. 23Jabaatanii hojjechuun hundi buʼaa buusa; oduun faayidaa hin qabne garuu hiyyummaa qofa fida. 24Gonfoon ogeeyyii qabeenya isaanii ti; gowwummaan gowwootaa garuu gowwummaa dhala.
25Dhuga baatuun dhugaa lubbuu baraara; dhuga baatuun sobaa immoo soba dubbata. 26Namni Waaqayyoon sodaatu daʼannoo jabaa qaba; ijoolleen isaas daʼoo argatu. 27Waaqayyoon sodaachuun burqaa jireenyaa ti; kiyyoo duʼaa irraas nama deebisa.
28Ulfinni mootii tokkoo baayʼina uummata isaa ti; yoo uummanni hin jirre garuu ilmi mootiis ni bada. 29Namni obsa qabu hubannaa guddaa qaba; kan dafee aaru garuu gowwummaa mulʼisa. 30Garaan nagaa qabu dhagnaaf jireenya kenna; hinaaffaan garuu lafee tortorsa.
31Namni hiyyeessa cunqursu kan isa Uume tuffata; namni hiyyeessaaf garaa laafu immoo Waaqa kabaja. 32Hamoonni jalʼinuma isaaniitiin badu; qajeeltonni garuu duʼa keessatti illee amanamummaa isaaniitiin daʼannoo argatu. 33Ogummaan qalbii nama waa hubatuu keessa jirti; garaa gowwootaa keessatti garuu hin beekamtu.
34Qajeelummaan saba ol guddisa; cubbuun garuu saba kamiif iyyuu salphina. 35Mootiin tajaajilaa ogeessatti ni gammada; kan isa qaanessutti garuu ni dheekkama.