욥기 4
엘리바스가 환상을 말하다
Eliifaaz namichi Teemaan sun akkana jedhee deebise: 2“Yoo namni tokko sitti dubbachuu yaale, ati ni komattaa? Garuu eenyutu dubbachuu dhiisa? 3Ati akka nama baayʼee barsiifte, akka harka dadhabaa illee jajjabeessite yaadadhu.
4Dubbiin kee warra gatantaran gargaaree dhaabeera; atis jilba laafe jabeessiteerta. 5Amma garuu rakkinni sirra gaʼe; atis abdii kutatteerta; rakkinni si miidheera; atis rifatteerta; 6Waaqa sodaachuun kee irkoo kee, qajeelinni karaa keetiis abdii kee mitii?
7“Ammas yaadadhu; namni qulqulluun takkumaa badee beekaa? Qajeelonni eessatti badanii beeku? 8Akka ani hubadhetti warri waan hamaa qotatan, kanneen waan hamaa facaasanis isuma haammatu. 9Isaanis hafuura Waaqni isaanitti baafatuun badu; hafuuraa dheekkamsa isaaniitiinis ni barbadeeffamu.
10Leenci ni aada; ni gururiʼas; ilkaan leenca saafelaa garuu ni caccaba. 11Leenci jabaan waan adamsu dhabee ni duʼa; ilmaan leenca dhaltuus ni bittinnaaʼu. 12“Dubbiin tokko icciitiidhaan naa fidame; gurri koos asaasa isaa dhagaʼe.
13Abjuu halkanii sodaachisaa keessa, yommuu hirribni cimaan nama qabatutti, 14sodaa fi hollachuun na qabatee lafee koo hunda raase. 15Hafuurri luffi jedhee fuula koo dura darbe; rifeensi dhagna koos kaʼee dhaabate.
16Innis ni dhaabate; ani garuu inni maal akka taʼe hubachuu hin dandeenye. Fakkiin tokko ija koo dura dhaabate; anis sagalee tasgabbii kan akkana jedhu tokkon dhagaʼe: 17‘Namni duʼa hin oolle, Waaqa caalaa qajeelaa taʼuu dandaʼaa? Namni Uumaa isaa caalaa qulqulluu taʼuu dandaʼaa? 18Waaqni tajaajiltoota isaa hin amanatu; ergamoota isaas balleessaa isaaniitiin ni gaafata; 19yoos warri manneen suphee keessa jiraatan, warri hundeen isaanii biyyoo taʼe, warri bilii caalaa burkutaaʼan immoo akkam haa taʼan ree?
20Isaan ganamaa fi galgala gidduutti burkutaaʼu; tasumas bara baraan ni badu. 21Akka isaan ogummaa malee duʼaniif funyoon dunkaana isaanii hin luqqifamnee?’