시편 124

여호와께서 우리 편에 계시지 아니하셨더라면

Faarfannaa ol baʼuu. Faarfannaa Daawit. Israaʼel akkana haa jedhu: Utuu Waaqayyo garee keenya taʼuu baatee, 2utuu Waaqayyo garee keenya taʼuu baatee, yommuu namoonni nutti kaʼanitti, 3yommuu aariin isaanii nutti bobaʼetti, silaa isaan utuu nu lubbuun jirruu nu liqimsu turan; 4lolaan nu liqimsee dhaʼaan bishaanii nurra yaaʼa ture; 5bishaan hamaan nu fudhatee bada ture.

6Waaqayyo akka nu ilkaan isaaniitiin cicciramnuuf dabarsee itti nu hin kennin sun haa eebbifamu. 7Akkuma simbirri kiyyoo adamsituu jalaa baatu, nu isaan jalaa baaneerra; kiyyoon ni ciccite; nus jalaa baane. 8Gargaarsi keenya maqaa Waaqayyoo, Uumaa samii fi lafa sanaa ti.

복사됨!
Aa