Salmos 12

Las palabras del Señor son puras

Dura buʼaa Faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit kan akka sirna Shamiiniitiitti faarfatamu. Yaa Waaqayyo, namni Waaqa sodaatu hin jiruutii ati na gargaar; ilmaan namaa keessaas namni amanamu dhabameeraatii. 2Namni hundinuu ollaa isaatti soba dubbata; isaan nama saadanii garaa lamaan dubbatu. 3Waaqayyo afaan nama saadu hunda, arraba of tuulu hundas haa kukkutu; 4isaanis, “Nu arraba keenyaan ni moona; hidhiin keenyas keenyuma; eenyutu nurratti gooftummaa qaba?” jedhu.

5Waaqayyo, “Ani sababii hacuucamuu hiyyeeyyiitiif, sababii aaduu rakkattootaatiifis amma nan kaʼa. Nagaa isaan hawwan keessas isaan nan jiraachisa” jedha. 6Dubbiin Waaqayyoo hirʼina hin qabu; innis akka meetii boolla ibiddaa keessatti baqfamee yeroo torba qulqulleeffamee ti. 7Yaa Waaqayyo ati nu eegda; dhaloota akkanaa irraas bara baraan nu oolchita.

8Yeroo wanni faayidaa hin qabne ilmaan namaa gidduutti kabajamutti hamoonni of dhiibuudhaan kallattii hundaan asii fi achi naannaʼu.

¡Copiado!
Aa