Salmos 11

En el Señor me refugio

Dura buʼaa Faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit. Ani Waaqayyotti kooluu galeera. Yoos isin akkamitti lubbuu kootiin akkana jechuu dandeessu: “Ati akkuma simbirroo tulluu keetti barrisi. 2Kunoo namoonni hamoon iddaa isaanii dabsataniiru; isaan warra toloota taʼan, dukkana keessa waraanuuf jedhanii, xiyya isaanii ribuutti dhaabbataniiru. 3Yoo hundeewwan diigaman, namni qajeelaan maal gochuu dandaʼa?” 4Waaqayyo mana qulqullummaa isaa qulqulluu sana keessa jira; teessoon Waaqayyoo samii irra jira. Inni ilmaan namootaa ni ilaala; iji isaas namoota ni qora.

5Waaqayyo qajeeltotaa fi jalʼoota ni qora; lubbuun isaa garuu nama goolii jaallatu ni jibbiti. 6Inni hamoota irratti, barbadaa ibiddaatii fi dinyii bobaʼu ni roobsa; qoodni isaaniis bubbee finiinaa dha. 7Waaqayyo waan qajeelaa taʼeef, murtii qajeelaa jaallata; toloonnis fuula isaa ni argu.

¡Copiado!
Aa