Salmos 82

Dios juzga en medio de los jueces

Faarfannaa Asaaf. Waaqni, waldaa waaqotaa gidduu dhaabata; “waaqota” gidduuttis murtii kenna; akkanas jedha: 2“Isin hamma yoomiitti seera jalʼiftu? Hamma yoomiittis jalʼootaaf dhaabattu? 3Dadhabdootaa fi ijoollee abbaa hin qabneef murtii qajeelaa kennaa; mirga hiyyeeyyiitii fi cunqurfamtootaas eegsisaa.

4Warra dadhabaa fi rakkattoota baraaraa; harka jalʼootaatiis isaan baasaa. 5“Isaan homaa hin beekan; homaa illee hin hubatan. Isaan dukkana keessa jiraatu; hundeen lafaa hundinuu ni raafame. 6“Anis, ‘Isin, “waaqota;” hundi keessan ilmaan Waaqa Waan Hundaa Olii ti’ jedheera.

7Taʼus isin akkuma namatti ni duutu; akkuma bulchitoota kamii iyyuu ni kuftu.” 8Yaa Waaqi kaʼi; lafatti muri; sabni hundinuu kan keetiitii.

¡Copiado!
Aa