Salmos 34
Gustad y ved que el Señor es bueno
Faarfannaa Daawit. Innis fuula Abiimelek duratti maraatuu of fakkeesseef Abiimelek isa ariinaan yeroo achii deemetti faarfate. Ani yeroo hunda Waaqayyoon nan eebbisa; galanni isaas yeroo hunda afaanii na hin buʼu. 2Lubbuun koo Waaqayyoon boonti; cunqurfamtoonni dhagaʼanii haa gammadan. 3Na wajjin Waaqayyoof ulfina kennaa; kottaa walii wajjin maqaa isaa ol kaafnaa.
4Waaqayyoon nan barbaaddadhe; innis deebii naa kenne; sodaa koo hunda keessaas na baase. 5Warri gara isaa ilaalan ni ifu; fuulli isaaniis yoom iyyuu hin qaanaʼu. 6Hiyyeessi kun ni iyye; Waaqayyos isa dhagaʼe; rakkina isaa hundumaa keessaas isa baase.
7Ergamaan Waaqayyoo naannoo warra Waaqa sodaatanii ni qubata; isaan ni oolchas. 8Akka Waaqayyo gaarii taʼe mee miʼeeffadhaa ilaalaa; namni isatti kooluu galu eebbifamaa dha. 9Isin qulqulloonni isaa Waaqayyoon sodaadhaa; warri isa sodaatan homaa hin dhabaniitii.
10Leenci saafelli iyyuu waa ni dhaba; ni beelaʼas; namni Waaqayyoon barbaaddatu garuu waan gaarii tokko illee hin dhabu. 11Yaa ijoollee ko, kottaa na dhagaʼaa; anis Waaqayyoon sodaachuu isinan barsiisa. 12Namni jireenya jaallatu, kan bara gaarii arguudhaafis bara baayʼee hawwu eenyu?
13Arraba kee waan hamaa irraa, afaan kees soba dubbachuu irraa eeggadhu. 14Hammina irraa deebiʼi; gaarii hojjedhu; nagaa barbaadi; duukaa buʼis. 15Iji Waaqayyoo qajeeltota irra jira; gurri isaas iyya isaaniitiif banamaa dha; 16yaadannoo isaanii lafa irraa balleessuudhaaf, fuulli Waaqayyoo warra hamaa hojjetanitti ni hammaata.
17Qajeeltonni gargaarsaaf iyyatu; Waaqayyos isaan dhagaʼa. Rakkina isaanii hunda keessaas isaan baasa. 18Waaqayyo warra garaan isaanii cabetti dhiʼoo dha; warra abdii kutatanis ni fayyisa. 19Rakkinni nama qajeelaa baayʼee dha; Waaqayyo garuu hunda isaa jalaa isa baasa; 20lafee isaa hunda ni eega; isaan keessaas tokko illee hin cabu.
21Hamoota hamminatu ajjeesa; warra nama qajeelaa jibbanitti ni murteeffama. 22Waaqayyo lubbuu tajaajiltoota isaa ni fura; warra isatti kooluu galan keessaa tokkotti illee hin murteeffamu.