Salmos 121
Mi socorro viene del Señor
Faarfannaa Ol baʼuu. Ani ija koo gara tulluuwwaniitti ol nan qabadha; gargaarsi koo eessaa dhufa? 2Gargaarsi koo Waaqayyo samii fi lafa uume biraa dhufa. 3Inni akka miilli kee mucucaatu hin godhu; kan si eegu hin mugu; 4dhugumaan inni Israaʼelin eegu hin mugu; hin rafus.
5Waaqayyo si eega; Waaqayyo karaa mirga keetiitiin gaaddisa siif taʼa; 6guyyaa aduun si hin gubu; halkanis jiʼi si hin miidhu. 7Waaqayyo miidhaa hunda irraa si eega; inni lubbuu kee ni eega; 8Waaqayyo ammaa jalqabee hamma bara baraatti, baʼuu fi galuu kee ni eega.
¡Copiado!
Aa