Salmos 111

El principio de la sabiduría

Haalleluuyaa. Ani waldaa tolootaatii fi wal gaʼii keessatti, garaa koo guutuudhaan Waaqayyoon nan galateeffadha. 2Hojiin Waaqayyoo guddaa dha; warri itti gammadan hundinuus irra deddeebiʼanii yaadan. 3Hojiin isaa surra qabeessaa fi kabajamaa dha; qajeelummaan isaas bara baraan jiraata.

4Inni akka dinqiin isaa yaadatamu godheera; Waaqayyo arjaa fi gara laafessa. 5Inni warra isa sodaataniif nyaata kenna; kakuu isaas bara baraan ni yaadata. 6Lafa saboota kaanii isaaniif kennuudhaan humna hojii isaa saba isaatti mulʼiseera.

7Hojiin harka isaa amanamaa fi qajeelaa dha; ajajni isaa hundinuus amanamaa dha. 8Isaanis bara baraa hamma bara baraatti jabaatanii dhaabatu; amanamummaa fi qajeelummaadhaanis hojjetamu. 9Inni saba isaatiif furii ergeera; kakuu isaas bara baraan ajajeera; maqaan isaa qulqulluu fi sodaachisaa dha.

10Waaqayyoon sodaachuun jalqaba ogummaa ti; warri sirna isaa faana buʼan hundinuu hubannaa gaarii qabu. Galanni isaa bara baraan jiraata.

¡Copiado!
Aa