Proverbios 4

Sobre todo, adquiere sabiduría

Yaa ilmaan ko, mee gorsa abbaan namaaf kennu dhagaʼaa; qalbeeffadhaatii hubannaa argadhaa. 2Ani barumsa gaarii isinii nan kenna; kanaafuu barsiisa koo hin dhiisinaa. 3Yeroo ani mucaa xinnaa taʼee mana abbaa koo turetti, yeroo ani daaʼima dhiiga taʼee haadha kootiif ilma tokkicha turetti, 4inni akkana jedhee na barsiise; “Garaa kee guutuudhaan dubbii koo jabeessii qabadhu; seera koo eegi; ati ni jiraattaatii.

5Ogummaa argadhu; hubannaas argadhu; dubbii koo hin dagatin yookaan irraa hin jalʼatin. 6Ogummaa hin dhiisin; isheen si eegdii; ishee jaalladhu; isheenis si tiksitii. 7Ogummaan waan hunda caalti; kanaafuu ogummaa argadhu. Yoo isheen waan ati qabdu hunda si baasifte illee hubannaa argadhu.

8Ogummaa kabaji; inni ol si guddisaatii; isa hammadhu; innis si kabajaatii. 9Isheen kallacha bareedaa mataa kee irra siif keessi; gonfoo miidhagaa illee siif kenniti.” 10Yaa ilma ko dhagaʼi; waan ani jedhu illee fudhadhu; barri jireenya keetiis ni baayʼataa.

11Ani karaa ogummaa irra sin qajeelcha; daandii qajeelaa irras sin buusa. 12Yeroo ati deemtu, tarkaanfiin kee hin ittifamu; yoo fiigdu illee ati hin gufattu. 13Qajeelfama jabeessii qabadhu; gad hin dhiisin; waan inni jireenya kee taʼeef jabeessii eeggadhu.

14Daandii hamootaa irra miilla kee hin dhaabin yookaan karaa jalʼootaa irra hin deemin. 15Irraa fagaadhu; irras hin deemin; irraa goriitii karaa kee irra qajeeli. 16Isaan waan hamaa hojjetan malee rafuu hin dandaʼaniitii; isaan hamma nama gufachiisanitti hirriba hin argatan.

17Isaan buddeena hamminaa nyaatu; daadhii wayinii kan dabaan argame dhugu. 18Karaan qajeeltotaa akkuma ifa barii barraaqaa kan hamma saafaatti ittuma fufee ifaa deemuu ti. 19Karaan hamootaa garuu akkuma dukkana guddaa ti; isaan waan isaan gufachiisu hin beekan.

20Yaa ilma ko, waan ani jedhu qalbeeffadhu; dubbii kootiifis gurra kenni. 21Akka inni fuula kee duraa dhabamu hin godhin; garaa kee keessa ol kaaʼadhu; 22inni warra isa argatuuf jireenya, dhagna namaa guutuufis fayyinaatii.

23Waan hunda caalaa qalbii kee eeggadhu; burqaan jireenyaa achii baʼaatii. 24Dubbii jalʼinaa afaan kee keessaa balleessi; haasaa hamaas arraba kee irraa fageessi. 25Iji kee kallattiidhaan qajeelchee haa ilaalu; atis xiyyeeffadhuu fuula kee dura ilaali.

26Miilla keetiif daandii wal qixxeeffadhu; karaan kee hundinuu haa jabaatu. 27Gara mirgaatti yookaan gara bitaatti hin gorin; miilla kee hammina irraa eeggadhu.

¡Copiado!
Aa